ONM-ABO Hagayya 24, 2024
Murni bilxiginnaa yeroo gara aangootti dhufee kaasee “qurxummii balleessuuf galaana gogsuu qabna” dhaadannoo jedhuun uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsuun ganna ja’a guutuu humna waraanaa qaban golee Oromiyaa maratti bobbaasanii uummata Oromoo biyya waaqni isaaf kenne biyya abbaa isaa irratti badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkoota gara jabinaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa jiru.
Bifuma kanaan, waraanni garboomfataan PP godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti hawaasa nagaa ajjeesanii jiru.
Aanaa Ada’aa Bargaa ganda Warra Iluu Daamsee jedhamutti Hagayya 22, 2024 nama maqaan isaa Alamuu Taayyee jedhamu yeroo dhihoo as bultii kan dhaabbatee fi Hordofaa Garramaa kan jedhamu nama umuriin isaa waggaa 45 ta’e waraanni maafiyaa PP naasuu tokko malee qe’ee isaaniitti rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattotni kun jedhanitti, guyyuma kana jiraattota gandichaa hedduu ta’an irratti waraanni sirnichaa reebicha hamaa raawwachuun miidhaa qaamaa ulfaataa irraan ga’anii jiraachuus dubbatu.

