Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti loltoonni PP jiraattota irratti hidhaa, saamichaa fi reebicha ulfaataa raawwatan

ONM-ABO Fulbaana 3, 2024

Aangoo fi qawwee of harkaa qabanitti dhimma ba’uun farreen uummata nagaa bilxiginnaan maqaa hawaasni hin qabneen yakkanii waggoota aangoo impaayerattii qabatanii kaasanii dararaa ulfaataa uummata Oromoo qe’ee isaa irratti kaffalchiisaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti loltoonni bilxiginnaa haala duraan barameen olitti jiraattota saamuu, reebuu fi hidhaatti guuruu itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Ganda Warra Iluu jedhamu irraa Hagayya 30, 2024 badii tokko malee ”hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Dajanee Goffaa,
  2. Aadde Kabbabuu Alamuu,
  3. Dirribaa Badhaadhaa,
  4. Obbo Biraanuu Zallaqaa fi k.k.f hedduun hidhamanii garmalee dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Kana malees, Obbo Dajanee garmalee reebuun horii isaa  15 ta’an jalaa ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version