Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaatti loltoonni PP jiraattota irratti ajjeechaa fi saamicha raawwachuun ibsame

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024 

Loltoonni impaayera Itiyoophiyaa uummata Oromoo irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafamuun magaalaa keessaa akka kubbaatti uummata dhiitaa baadiyyaatii ammoo, sobaan yakkanii hawaasa nagaa qabanii hidhuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa fi rasaasa itti roobsuun ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti loltoonni impaayerattii haala suukkaneessaa ta’een namoota lama  ajjeesuun eeramee jira.

Onkoloolessa 5, 2024 ganda Deebisaa Aggaasaa jedhamu keessaa waraanni goleessituu Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii Maammoo Dinquu fi Baqqalaa Dooyyoo jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf mana jireenyaa isaanii keessaa gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeessuu isaanii namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.

Akka namootni kun jedhanitti, “namoonni kun lamaan siyaasa kam keessayyuu kan hin jirre ta’uu fi badii tokko kan hin hojjenne yoo ta’an, waraanni murna nama nyaataa ammoo, rasaasaan rukkutuun akka ilmoo bineensaatti ajjeesanii gatuu fi akka aanichaatti illee rakkoo ulfaataan jiraattota irratti raawwatamaa jiraachuu” Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees, ganduma kana irraa torban darbe keessa nama maqaan isaa Obbo Ejersa Giroo jedhamu jalaa horii yoo saaman akkasumas, nama maqaan isaa Obbo Moosisaa Tufaa jedhamu jalaas horii 3 saamanii deemuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version