Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa fi Qellam Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti waraanni garee faashistii PP barsiisaa tokko ajjeessuu jiraattootni dubbatan

ONM-ABO Hagayya 26, 2023

Kaabinoonni fi waraanni sirnichaa akka waan ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatan furmaata siyaasaa fiduutti fudhachuun, Oromiyaa keessatti ajjeechaa namoota nagaa xiqqaa guddaa osoo hin jenne guyyaa guyyaan raawwatan jabeessuun ilmaan Oromoo badii tokko malee akka baalaa harcaasaa oolu.

Kibxata darbe Hagayya 22, 2023 godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Kittoo irraa qonnaan bulaa maqaan isaa Girmaa Nagaash jedhamu qabuun aanaa Ejeree bulchiinsa magaalaa Beekkattee bakka Carriffattee jedhamutti ajjeessuun gatan.

Reeffi obbo Girmaa qarqara lagaa buluun ganama kaafamee guyyaa dheengaddaa Hagayya 24, 2023  qe’ee dhaloota isaanitti awwaalaman.

Ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatamu itti fufuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Warra Baabboo keessatti kaleessa Hagayya 25, 2023 ganama hidhattootni sirnichaa barsiisaa Mitikkuu Eebbisaa Wayyeessaa jedhamu mana jireenyaa isaatii qabuun waaree booda ajjeessanii gatuu jiraattotni dubbatu.

Barsiisaa Mitikkuun kanaan duras maqaa siyaasaa itti maxxansuun dhiibbaa irratti taasisanii hojii irraa kan ar’ian yoo ta’u yeroo ammaas hojii dhabee nama mana isaa taa’aa jiru ta’uu jiraattootni gandichaa dabaluun ibsan.

Ajjeechaan barsiisaa Mitikkuu irratti raawwatame kan nama sukkanneessu ta’uu jiraattootni himuun, rakkoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuun lammiilee nagaa irratti raawwatamaa jiru kana jalaa boqochuuf furmaanni waliin taanee sirnicha fonqolchuu qofa jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.




Exit mobile version