Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni PP Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu fi Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa  keessatti gubaatii manneen namootaa fi ajjeechaa raawwatan

ONM-ABO Hagayya 7, 2024

Lixa  Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Dheebisaa Hangaasaa keessatti waraanni imphaayera Itiyoophiyaa tarkaanfii WBO’n irratti fudhatu dura dhaabbachuu dadhabuun, hawaasa nagaatti ol deebi’anii rasaasaan waaduu fi manneen hawaasaa gubuun beekame.

Haaluma kanaan, Hagayya 2, 2024 waraanni PP tarkaanfii WBO’tti dallanuun abbaa fi intala rasaasaan rukutuun madeessuu maddeen himan, maqaan namoota rasaasaan rukutamanii kunneen; Obbo Kabbee Hurrisaa nama ganna 63 fi intala isaanii shammarree Inniishee Kabbee umurii15 kan taate marartoo tokko malee rasaasaan rukutanii madeessuu jiraattonni dubbatu.

Manneen namoota hedduus meeshaa waraanaa Madfii itti dhukaasuun barbaadeessanii jiru.

Namootni manneen isaanii jalaa gubate:  

  1. Sambee Koorsaa 
  2. Dirribaa Tashooma 
  3. Caalaa Tashoomaa 
  4. Fayyisee Kabbabaa kanneen jedhaman jalaa qabeenyaa guutuu waliin manneen isaanii gubanii barbadeessaniiru.

Akkasumas, Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Darroo Libaanos keessatti waraanni imphaayera Itoophiyaa manneen qonnaan bultootaa gubuun barbadeessuun dhagaa’ame, maqaan namoota manneen irraa gubatee kunneenis:

  1. Xaggaayee Baaruudee,
  2. Shifarraa Boggaalaa,
  3. Sambatee Simee,
  4. Dhahee Wiillincoo, fi
  5. Deebisaa Lammii kanneen jedhaman jalaa qabeenyaa guutuu waliin mana gubanii yoo barbadeessan.
  1. Obbo Taayyee Shifarraa jalaa qotiyyoo 1 
  2. Toleeraa Galaan jalaa qotiyyoo 1 
  3. Dheeressaa Yaadatee jalaa re’oota 6 
  4. Obbo Girmaa Bulchaa jalaa qotiyyoo 1, 
  5. Obbo Fiichee Jimaa jalaa qotiyyoo 1 fudhatanii deemaniiru.

Kana malees, aanaa Kuyyuu magaalaa Garba Gurraachaa keessatti dargaggoo maqaan isaa Daamxoo Fayyisaa jedhamu ajjeesuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version