Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa maanguddoo tokko ajjeesuun dargaggoota 6 achi  buutee dhabamsiisan

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

Ergamtootni Bilxiginnaa heeraa fi seerota baafatan hin kabajne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti cafaqanii bulchuu hojii godhachuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti loltoonni imphaayera Itioophiyaa kun maanguddoo tokko ajjeesuun dargaggoota 6 achi buutee dhabamsiisan.

Ganda Maardiyaa jedhamuun beekamu keessatti maanguddoo maqaan isaanii Obbo Amantii Jabanaa jedhaman Hagayya 7, 2024 badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.

Obbo Amantiin abbaa ijoollee 7 kan ta’anii fi siyaasa kam keessa illee kan hin jirre ta’us badii tokko malee rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan shamarran sadii fi dargaggoota dhiiraa sadii ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka Jiraattonni jedhanitti dargaggoonni kunneen hanga ammaatti du’anii fi jiraachuun isaanii kan hin beekamne ta’uus dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version