Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojji Birmajjii keessatti waraanni PP dargaggoo tokko ajjeesuun himame

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

Marartoo fi kabaja namummaa tokkollee dhala namaaf kan hin qabne waraanni fashistii PP goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo badii tokko malee gochoota garaa garaa itti maxxaansuun akka bosonuutti adamsee ajeesuu, hidhuu fi dararuu isaanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, Hagayya 25, 2024 waraanni goolessaan Bilxiginnaa Lixa Wallaggaa aanaa Boojji Birmaajjii ganda Hidhabuu Xobbii jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Abdii Isataa jedhamu mana isaatii qabuudhaan bosonatti geessanii rasaasa itti roobsuun ajjeesuu isaanii maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.

Akka maddeen keenya himanitti, reeffi dargaggoo kanaa Hagayya 26, 2024 bosona keessaa argamuudhaan awwaalamuu kan himan maddeen, ilmi Oromoo badii tokko malee akka bineensaatti ajjeefame kun siyaasa kam keessaayyuu nama qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uus itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version