Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbiitti waraanni maafiyaan PP dargaggoo tokko ajjeesuu jiraattotni himan

ONM-ABO Hagayya 17, 2025 

Murni Bilxiginnaa afaan qawweetti dhimma bahuun addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffatee, duguuggaa sanyii geggeessuu itti fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Lalisaa Yesuusitti waraanni maafiyaan PP Hagayya 14, 2025 dargaggoo maqaan isaa Abdii Yesuuf jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattotni himanitti dargaggoon ajjeefame kun yakka dalage ykn hirmannaa dhaaba siyaasa kamiyyuu kan hin qabne yoo ta’u waraanni Bilxiginnaa garuu gaaffii tokko malee bakkeetti itti dhukaasuu dubbatu.

Aanaa Gimbii magaalaa Gimbii dabalatee gandoota garaa garaa keessatti sarbaminsi mirga namoomaa akka malee hammaachuun hawaasni yaaddoo ulfaataa keessa jiraachuu jiraattotni jiru.

Exit mobile version