ONM-ABO Adoolessa 24, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbaay Coomman ganda Qorkee keessatti Adooleessa 20, 2025 waraanni maafiyaan PP dargaggoo maqaan isaa Raajii Tashomaa jedhamu ajjeesanii kan gatan oggaa ta’u, reeffi isaa bakkee buluun Adoolessa 22, 2025 uummanni naannichaa kaasee akka awwaale jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattotni himanitti dargaggoo Raajiin hiriyyoota isaa waliin magaalaa Fincaa’aa irraa gara baadiyaa Qorkeetti maatii isaaf kuduraa fi muduraa fuuchuuf kan deeman oggaa ta’u, shiftoonni sirnichaa ammoo WBO’f geessaa jirtu ittiin jechuun dhukaasa irratti banuun, hiriyyoonni isaa fiiganii lubbuun yoo harkaa ba’an, dargaggoo Raajii ammoo rasaasa itti roobsuun lubbuu isaa akka galaafan jiraattonni dabaluun ifoomsanii jiru.
Murni Bilxiginnaa dargaggoota ol adeemoo abdii Oromoo fi Oromiyaa ta’an maqaa garaa garaa itti moggaasuun yakkee badii tokko malee irbaata rasaasaa taasisaa kan jiru yoo ta’u, kanaafis dargaggootni Oromoo hedduun biyya abbaa isaanii irraa jiruu godaansaaf saaxilamaa jiraachuun ni beekama.
