ONM-ABO Fulbaana 1, 2024
Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu fi sabboontota Oromoo jumlaan hidhuu hojii idilee isaa kan taasifate waraanni goolessituu PP goleewwan Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu jabeessee itti fufeera.
Haaluma kanaan, Hagayya 28, 2024 waraanni sirnichaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu ganda Nuuf Bari’ee jedhamutti haadha ijoollee lamaa kan taate Aadde Hinseenee Dagoo fi dargaggoo Tolaa Hirphaa kanneen jedhaman maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun badii tokko malee mana hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa nuuf himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni hidhaman kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’uu himuun, waraanni nama nyaataan PP badii tokko malee qe’eef qabeenya isaanii irratti nagaa dhorkachaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

