Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu keessatti uummata nagaa saamuun ibsame

ONM-ABO Fulbaana 28, 2024

Safuu fi ooda uummataa kan hin kabajnee fi naamusni waraanummaa kan itti hir’atu waraanni gara jabeessi impaayera bututtuu Itiyoophiyaa, maqaa sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun goleewwan Oromiyaa mara keessatti sabboontota ilmaan Oromoo hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi dararuu kan durii caalaatti jabeessee itti fufeera.

Haaluma kanaan, Waraanni faashistii PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keessatti uummata nagaa saamaa jiraachuun ibsameera.

Fulbaana 24, 2024 waraanni goolessituun sirnichaa aanaa Guduruu ganda Qarree Waatiyyoo bakka addaa Qunxur Saqashii jedhamu keessatti hawaasa nagaa Obbo Alamaayyoo Tolasaa jalaa Xaafii ardaba shan, qorqorroo baallee afurtamaa fi loon lama yoo saaman, Obbo Abarraa Deessisaa nama jedhamu jalaa ammoo loon lama saamanii fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa naannichaa biratti jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’uu fi maqaa “Waraanaa Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuudhaan hawaasa ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan gidiraa hamaa argaa jiru, badii tokko malee saamanii deemuu dubbatu.

Exit mobile version