Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni maafiyaa PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruutti uummata nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024

Gareen gara jabeessi, hawaasa nagaaf naasuu tokkollee hin qabne Bilxiginnaan, sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee ajjeesuu, ukkaamsuu fi saamuu aadaa isaa taasifatee kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamtu” jedhuun gochoota suukkanneessaa adda addaa uummata meesha-maleeyyii irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan, Fulbaana 13, 2024 waraanni faashistii PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu ganda Reef Guddannee jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Abdoo Dassaalee jedhamu bakka hojii isaatii qabuudhaan mana hidhaatti darbachuu maddeen eeranii jiru.

Dargaggoon kun, mana rifeensaa dhiiraa kan qabu yoo ta’u, nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa naannichaa biratti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u, waraanni safuu fi ooda uummataa akkasumas naamusa hin qabne akkuma amala isaanii badii tokko malee hojii isaarraa hidhuudhaan hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version