ONM-ABO Fulbaana 19, 2024
Loltoonni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkanii ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa, saamaa, ajjeesanii gataa fo hidhaatti darbachaa kan jiran yoo ta’u, addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan qabanii mana hidhaatti darbachuu fi saamicha hamaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruutti loltoonni bilxiginnaa jiraattota saamuu fi mana irratti gubuu itti fufanii jiru.
Loltoonni Bilxiginnaa kun aanaa Coomman Guduruu ganda Tokkummaa Biyyaa jedhamu irraa nama maqaan isaa Misgaanaa Margaa jedhamu milishaa PP ta’uu waan dideef badii tokko malee mana isaa jalaa diiganii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Ganda Ayyalee 01 jedhamu irraa nama maqaan isaa Obbo Dassaalee Aggaamaa jedhamu jalaa horii sadii jalaa fudhachuun, Obbo Bashaa Zannaqee jalaa immoo guyyaa dheengaddaa Fulbaana 17, 2024 qabeenyaa isaa jalaa saamanii jiraachuu maddeen himan.
Kana malees, aanicha hunda keessatti dhiirota irraa qarshii 200 fi dubartoota irraa immoo qarshii 30 sababa tokkoo fi nagahee kaffaltii tokko malee uummata ofiifuu waan nyaatu dhabee agabuu bulu irratti saamicha raawwachuun himamee jiru.

