ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024
Loltoonni bilxiginnaa sababa tokko malee Oromummaa qofaaf hadheeffatanii ilmaan Oromoo kan jibban yeroo ammaa kana akkuma guutuu Oromiyaatti dararaa fi gochoota suukkaneessoo hammeessuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruutti loltoonni faashistii Abi Ahimed kun manneen jiraattotaa irratti gubaatii raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Abaaboo Guduruutti loltoonni faashistii Abiy Ahimed ganda Mootii Qaawoo jedhamu keessaa Onkoloolessa 19, 2024 jiraattota maqaan isaanii:
- Obbo Aagidoo Jaallataa
- Eebbisaa Asaffaa fi
- Olii Shaanqoo jedhaman jalaa manaa fi meeshaalee manaa hunda barbadeessanii gubuun maatii bakkeetti hambisuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii mana irratti gubuu fi akkuma aanichaatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

