Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti waraanni maafiyaan PP saamicha, gudeeddaa fi manneen uummataa irratti gubaatii raawwatan

ONM-ABO Amajjii 8, 2025 

Saayinsii waraanaa biyya tokkoo kan hin hordofnee fi naasuu tokkollee uummata Oromoof kan hin qabne waraanni impaayerattii, goleewwan Oromiyaa adda addaatti bakka saayinsiin waraanaa nama hin dhaabne hunda dhaabbachuun ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne uummata cufa irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jira. 

Aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinee bakka addaa Qorkee jedhamu keessatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota irratti dararaa raawwachuu jabeessanii itti fufuun, Muddee 29, 2024 nama obbo Cimdii Ejjetaa jedhamu jalaa loon 6 fi re’oota 8 saamanii deemuun, halkanuma guyyaa sanaa gara mana isaatti deebi’uun haadha warraa isaa kan maqaan ishee Aadde Warqituu Fulla’aa jedhamtu ”abbaa manaa kee barbaanna” jechuun mana isaa cabsanii seenuun haadha warraa isaa dirqisiisuun itti wal jijjiiranii gara jabinaan kan gudeedan ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Gochaan hammeenyaa daangaa darbe loltoota maafiyaa PP’n uummata nagaa irratti rawwatamaa jiru kun kan yeroo tokkoo ykn lamaa qofa osoo hin taane amma immoo kan duraa Caalaa kan baay’ee nama gaddisiisu ta’uun, Amajjii 1, 2025 immoo loltoonni sirnichaa kunneen mana jireenyaa Obbo Cimdii qabeenya isaanii waliin guutummaa guutuutti abiddaan gubanii barbadeessuun maatii isaa bakkeetti kan hambisan ta’uu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version