ONM-ABO Fulbaana 22, 2024
Akkuma abboota isaa irraa dhaale umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha uummata nagaa dirqamaan qabuudhaan waraana taasisaa kan jiru murni nama nyaataan Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa qe’ee isaa irraa qabuudhaan leenjii waraanaatti guuraa jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 17, 2024 loltoonni Bilxiginnaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu keessaa jiraattota hidhaatti darbachuun erga achi keessa yeroo muraasa tursiisaniin booda humnaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.
Aanaa Coomman Guduruu ganda Illaammuu Xaraqoo keessatti nama maqaan isaa Shoonaa Alamaayyoo jedhamu badii tokko malee erga hidhaniin booda “milishaa ta’uu qabda” yoo ittiin jedhan, wayita inni didu reebicha hamaa irratti raawwatanii mana hidhaatti darbachuu maddeen himanii jiru.
Akka maddeen himanitti namoonni nagaan haala kanaan wal fakkaatuun mana hidhaa keessatti yakka tokko malee gidirfamaa jiran danuun akka jiran himuun, hanga ammaatti namoonni sobaan yakkamuun qabamanii waajjira poolisii aanichaatti hidhamuun humnaan dirqisiifamanii gara mooraa leenjii waraana PP’tti guuramaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

