Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti waraanni faashistii PP maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2025 

Koloneel Abiy Ahimed hanqina bulchiinsaa gubbaa hanga gadiitti hojiilee malaammaltummaa raawwachuu, waldhabdee lammiilee gidduutti babal’isuu fi nageenya hawaasaa booreessaa kan jiru oggaa ta’u, maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun ajjeechaa, saamichaa fi dararaa adda addaa guutuu Oromiyaa keessatti raawwachaa jira.

Haaluma kanaanis Waxabajjii 6, 2025 fi Waxabajjii 7, 2025 Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu ganda Biiftuun Nuuf Baatee Quubsaa jedhamu keessaa uummata nagaa maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun hidhanii gidirsaa jiraachuun beekameera.

Namootni nagaan hidhamanii jiran kunneenis maqaan isaanii:

  1. Obbo Bal’inaa Mangalchaa,
  2. Obbo Buzaalem Kabbadee,
  3. Obbo Fiqirii Mangalchaa,
  4. Obbo Guutuu Gindaabaa,
  5. Obbo Habtee Guutuu,
  6. Obbo Mulgeetaa Taffaasee,
  7. Obbo Mitikkuu Agafarii fi haadha warraa isaa waliin,
  8. Obbo Gizaachoo Kabbadaa haadha warraa fi ilma isaa 
  9. Cimdoo Gizaachoo ta’uun beekameera.
Exit mobile version