Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruu hammeessan

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025 

Murni sirna Minilik deebisee gad dhaabuuf halkanii fi guyyaa dhama’u Bilxiginnaan, Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf tooftaalee garaa garaa baafatee milkaa’uu dhabuu irraan kan ka’e, ttooftaa biroo maatii qabsaa’otaa irratti fuuleffachuun dararaa hammeessaa jira.

Loltoonni sirna burkutoofte deebisanii ijaaruuf ifaajan, aanaa Amuruu ganda Walqixxee jedhamu keessaa Waxabajjii 5, 2025 badii tokko malee namoota maqaan isaanii: 

  1. Abbabuu Mararaa fi 
  2. Daraartuu Geetachoo 

jedhaman hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanaadhuma kana ganda Naafuroo jedhamu irraa ammoo, guyyaadhuma kana Waxabajjii 5, 2025 namoota: 

  1. Baabbee Bayyanaa fi 
  2. Dosaa Toleeraa jedhaman 

“ilma keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun hidhaatti darbachuun dabalataan ibsameera.

Akkuma aanichaatti dararaan maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru suukkaneessaa ta’uun cinattis sochiin finxaaleeyyiin Amaaraa haala duraan barameen olitti gochoota gara jabinaa ulfaataa raawwachaa jiraniif hawaasni hundi yaaddoo hamaa keessa galuun baramee jira.

Exit mobile version