ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025
Murni Bilxiginnaa hoggaa lolaa fi hololaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabu kaayyoo impaayera kufuu geesse utubuun Abiy Ahimediin mootii godhanii itti fufsiisuuf qaban milkeessuuf maatii qabsaa’otaa jumlaan hidhaatti guuruun dararuu jabeessee jira.
Aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Tibbee ganda 02 irraa lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa dararuu itti fufuun maqaa “intala keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun Waxabajjii 2, 2025 nama maqaan isaa Obbo Geetachoo Addunyaa jedhamu mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni himanitti, Obbo Geetaachoon nama baabura midhaanii daaksisuun ofii fi maatii isaa kan jiraachisu ta’uu himuun, ergamtootni Bilxiginnaa kunneen “intala kee galchi yoo galchuu didde mana hidhaa kana keessaa goonkumaa hin baatu” jechuun doorsisaa akka jiran himameera.

