Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee garaa garaatti lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti darbatanii dararuu itti fufan

ONM-ABO Amajjii 6, 2025 

Murni Bilxiginnaa yaaddoo fi sodaa guddaa teessoo siyaasaa isaaniif waan qabaniif yeroo adda addaatti maqaa “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun uummata Oromoo doorsisaa, hidhaa akkasumas saamaa jiru.

Aanaa Waamaa Hagaloo ganda Gosaanii Baabboo jedhamu irraa Amajji 1, 2024 maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuu fi ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Taammiruu Nagaraa,
  2. Gammachuu Mootii,
  3. Dassaalee Tashoomaa,
  4. Gaaromsaa Abarraa,
  5. Fedhasaa Boshaa,
  6. Rabbumaa Taaddasaa,
  7. Firoomsaa Taarikuu fi 

kanneen biroo hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanaadhuma kana magaalaa Qassoo ganda 01 irraa immoo lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; dafaa galchaa!” jedhuun badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Barsiisaa Tuulam Surraa,
  2. Caalaa Surraa,
  3. Boontuu Alamaayyoo,
  4. Daadhii Qana’aa,
  5. Surraa Ittaanaa,
  6. Xuruu Iddoosaa,
  7. Maartaa Surraa,
  8. Milkeessaa Yaadasaa fi 

namoota hedduu sobaan yakkanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

Oduudhuma walfakkaatuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Kiichii jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa amala maqaa sobaa hawaasatti maxxansuun gidirsuu qaban, “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu” jechuun dubartoota maqaan isaanii Tigistee Taaddasaa fi Yaadashee Raggaasaa jedhaman torban darbe keessa badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun reebicha hamaa irraan ga’anii hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Aanadhuma kana ganda Boonayyaa Moloo jedhamu irraa ergamtoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bobbaafaman qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Gabayyoo Geechoo jedhamu maatii isaa guutuu waliin sababa tokko malee mana hidhaa waajjira poolisii aanichaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version