Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa jumlaan hidhuu fi meeshaa waraanaa bituu qabdu jechuunis saamaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025 

Waraana faashistii PP’n saamichi maatii qabsaa’otaa fi namoota hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabu jedhamanii shakkaman irratti raawwatu cimee itti fufuun, aanaa Baakkoo Tibbee keessaa maatii qabsaa’otaan meeshaa ilmaan keessan waraana keenya lolee irraa hiikkateef qarshii kaffaluu qabdu maqaa jedhuun namoonni danuun qabamanii hidhamuun qarshii kaffalaa akka jiran ONM odeeffateera. 

Gurraandhala 24, 2025 jaleewwan PP aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa keessaa maqaa “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun namoota maqaan isaanii:

  1. Waaqtolaa Waggaarii Amanuu,
  2. Nagaasaa Abdiisaa Tolasaa fi
  3. Jimaa Bokoraa Gammadaa fi kanneen biroo ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun addeeffameera.

Dabalataanis “meeshaa Waraanni Bilisummaa Oromoo miseensota keenya lolee irraa hiike bituu qabdu,” kanaaf ammoo tokkoon tokkoon jiraattota gandichaa irraa qarshii 9,000 ol irraa guuraa jiraachuun beekameera.

Exit mobile version