ONM-ABO Guraandhala 18, 2025
Mataan Nafxanyootaa waa’ee barcuma siyaasaa isaaf malee lubbuu ilmaan namaaf haajaa tokkollee kan hin qabne bineensichi guyyaa saafaa Koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa mara keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne kumaatamaan bobbaasuun hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa raawwachiisaa oola.
Haaluma kanaan, Gurraandhala 15, 2025 waraanni Bilxiginnaa aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa irraa nama maqaan isaa Obbo Xuurii Dureessaa Mildee jedhamu maqaa “ilma keetu hidhatee bosona jira” jedhuun badii tokko malee bakka hojii isaatii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, namni kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamii irraa bilisa kan ta’ee fi armaan duras badii seeraa tokkollee dalagee hidhamee kan hin beekne ta’uu himuun, waraanni maafiyaan impaayerattii yeroo ammaa hawaasa gandichaa guutummaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun dararaa garaa garaa irraan ga’aa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

