Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuu hammeessan 

ONM-ABO Ebla 24, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Wal-Qixxummaa Bakkareeree bakka addaa Gabaa Facaasee jedhamee waamamu keessaa Ebla 16, 2025 ergamtoonni sirnichaa nama maqaan isaa Dassaalee Galataa Olumaa jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa irraa Qorqorroo baallee 120, balbala 3 fi foddaa 3 diiggachuun qabeenya mana keessaas guutummaan guutuutti saamanii konkolaataa waraanaatti fe’atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni saamichi irratti raawwate kun hirmaannaa siyaasaa garee kamiiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, aanicha keessattis waraana sirnichaa bobbaasuun hawaasa nagaa irratti saamichaa fi dararaa garaa garaa raawwachiisaa kan jiru itti gaafatamaa dhimma nageenyaa aanaa Baakkoo Tibbee kan ta’e nama maqaan isaa Dinqaa Boodanaa Kookabee jedhamu ta’uus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Dantaa dhuunfaa isaaniif jecha qe’ee fi qabeenya uummata Oromoo barbadeessuun maatii fi waatii haadha hiyyeessaa faffacaasuun imimmaan dhiigaa boossisaa kan oolan ergamtoonni Bilxiginnaa, hawaasa nagaan jireenya dhuunfaa isaa jiraatu sababa sobaa garaa garaa itti maxxansuun guyyuu gochoota gara jabinaa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Exit mobile version