ONM-ABO Adoolessa 26, 2025
Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee keessatti waraanni faashistii PP Adoolessa 20, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Nagaraa Naggasaa,
- Shaashituu Qixxaataa,
- Daamuu Guutuu,
- Xuruu Gurmeessaa,
- Shuumee Baqqalaa,
- Tolaa Caandoo,
- Caaltuu Cimdeessaa fi
- Goobanaa Wadaajoo
jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni kunneen badii fi tuttuqqaa siyaasa kamiiyyuu kan hin qabne yoo ta’an, maqaa “ilmaan keessan bosonaa galchuu diddan” jedhuun hiraarfamaa jiraachuu dubbatu.
Lolaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu kan dadhabe, akeekaa fi kaayyoo bobbaafamaniif kan hin beekne waraanni faashistii PP, goleewwan Oromiyaa mara keessaa haala duraan amaleeffataniin olitti maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu itti fufanii jiru.

