ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Kormaatti Bitootessa 25, 2025 waraanni impaayerattii nama maqaan isaa Obbo Habtaamuu Kaasaa jedhamu maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta” jedhu itti maxxansuun badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, guyyaadhuma kana aanichuma ganda Amartii Gibee keessaa ammoo Obbo Geetaachoo Xaaloo nama jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuun ibsamee jira.
Obbo Geetaachoon, maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhuun baatii 3 dura waajjira poolisii aanichaatti hidhamee dararamaa akka jirus beekameera.
Oduu biraatiin ammoo godinuma Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gooroo Dhoqonuu keessaa Bitootessa 24, 2025 maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu” fi “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun:
- Obbo Galaasaa Ejjetaa jalaa loon 32,
- Obbo Wayyeessaa Giraany jalaa loon 14 fi
- Obbo Fayyee Gooshuu jalaas loon 40 ooffachuun, qotiyyoo 4 ammoo qe’eedhuma isaa keessatti qalatanii nyaachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

