Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu hammeessan

ONM-ABO Adoolessa 23, 2025 

Adoolessa 19, 2025 ergamtoonni maafiyaan PP Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Dhibbaa Goobanaa jedhamu keessaa jiraataa gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Abdiisaa Sambatoo jedhamu badii seeraa tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Obbo Abdiisaan siyaasa kam keessa kan hin jirree fi hawaasa naannoo birattis kabajaa fi jaallatamummaa guddaa nama qabu ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “WBO soorta” jedhuun kan yakkan ta’uu dubbatu.

Akeekni fi kaayyoon isaa saba Oromoo afaan qawween sirna cubbamaa harkaa fi harma irraa muraa ture jalatti cafaqee bulchuu kan ta’e faashistichi abbaa irree koloneel Abiy Ahimed, sodaa barcuma siyaasaa ofiif jecha waraana isaa kumaatamaan goleewwan Oromiyaa mara keessatti bobbaasuun hawaasa meesha maleeyyii irratti dararaa hangana hin jedhamne raawwachiisaa jira.

Exit mobile version