ONM-ABO Muddee 15, 2024
Loltoonni Bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu dadhabuun gara hawaasa nagaatti deebi’uun dararaa ulfaataa geessisuu itti fufe.
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Biqiltuu Lakkuu jedhamu keessaa Muddee 13, 2024 loltoonni Abiy Ahimed nama maqaan isaa Maarqos Dassaalee jedhamu badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun hirmaannaa siyaasa garee kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannoo birattillee jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa obboleessa keetu miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhuun hidhuu dubbatu.

