Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee irraa lukkeeleen Bilxiginnaa manneen hawaasaa yoo guban, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Siree irraa immoo hawaasa hidhaatti guuruu fi saamuun himame

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hunda afaaniin kukkuulanii faallaa isaa immoo sababa hin beekamneen yakkuun diinummaa fi jibbiinsa qaban ifatti mul’isuun dararaa ulfaataa dhalli namaa mitii bineensiyyuu argee hin beekne geessisaa jiru.

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa naamusa waraanummaa fi seera hin beekne akka feeteen bobbaafamuun Mudde 27, 2024 nama Obbo Alamuu Qaqqabaa jedhamu jalaa badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf mana isaa qorqorroo baallee 60 ta’u meeshaalee inni mana keessaa qabu hunda waliin jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa hamaa raawwachuu ittuma fufuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti hidhaa fi saamicha raawwachuu maddeen dabaluun ONM’f himanii jiru. 

Ganda Caffee Jaalallee jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Balaay Dhugaasaa jalaa horii 5,
  2. Asfawu Gurmeessaa jalaa horii 8 fi
  3. Geetaachoo Mitikkuu jalaa horii 3 

saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru. 

Kana malees, ganduma kana keessaa namoota Balaay Dhugaasaa fi Zawudee Dhibbaa jedhaman “ilma keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun haadha manaa fi abbaa manaa kan ta’an horii 5 jalaa saamanii Muddee 27, 2024 hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version