ONM-ABO Sadaasa 14, 2024
Gochaa fokkisaa fi seenaa gurraacha uummata Oromoo irratti dalagaa kan oolan gara-jabeeyyiin naatoo namummaa hin qabne dhaabni Bilxiginnaa fi ergamtoonni jalee isaanii hawaasa irraa dhalataniif gara laafummaa tokkollee dhabuufiin uummata boqonnaa dhorkanii ittiin taphachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan aanaa Abaaboo Guduruu ganda Mootii Qaawoo bakka addaa Qaawoo jedhamu keessaa waraanni murna nama nyaataan PP maatii qabsaa’otaa jalaa mana jireenyaa saamsanii jiraachuun beekamee jira.
Namoota maqaan isaanii
- Mitikkuu Xaafaa,
- Kiisii Wambaruu,
- Kiisii Garramaa,
- Ballaxaa Aagidoo fi
- Kabbabaa Aagidoo jedhaman jalaa sababa tokko malee manneen jireenyaa qabeenya isaan manaa qaban waliin saamsuu jiraattonni himan.
Akka jiraattonni jedhanitti ergamtootni Bilxiginnaa gocha kana kan raawwataniif sababa ilmaan keessantu WBO keessa jira jedhuun jalaa samsuun namni itti bu’e akka du’u akeekkachiisni itti kennamee akka jiru dubbataniiru.

