Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coommanitti humnoonni goolessituu PP dargaggoo tokko ajjeesuun gatan.
ONM-ABO Hagayya 9, 2022 Humni goolessituu ergamtoota sirna Nafxanyaa Orromiyaa godinaalee hedduu keessatti ilmaan oromoo ajjeesu hojii godhatee jira.
Hagayyaa 7, 2022 godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coomman ganda Hoomaa Kulkulaatti dargaggoo Galaanaa Malkaamuu jedhamu ajjeesuu isaanii maddi keenya ganda Hoomaa Kulkulaati Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himeera.
Akka maddi keenya kun himetti humnoonni faashistii kun Aanaa Fincaa’a magaala Maazooraa qubatanii kan turan yoo ta’u maqaa sakattaa WBOtiin gara aanaa Abbaay Coomman ganda Hoomaa kulkulaatti imaluun qeerroo kana qaban.
Qeerroo kana ganduma sanatti reebicha hamaa irraan ga’aa erga bulanii guyyaa kaleessaa jechuun Hagayya 8,2022 deebii isaani irratti ganduma kana bakka addaa hidha laga Amartii Nasheetti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa deeman.
Abbaan qeerroo kanaa yeroo dheeraaf mana hidhaatti dararamaa erga turee booda mana hidhaatii bahee torbanuu osoo hin guutiin ilma isaa dhabuun gadda cimaa keessa galuu maddi keenya kun dabaluun ibseera.
Reeffa qeerroo Galaana Malkaamuu guyyaa kaleessaa sa’a 7:00n erga faashistoonni PP achii deemanii kaafatanii deemuun awwaaluu isaanii himuun roorroo uummata keenya golee Oromiyaa hunda keessatti mudachaa jiru waloon ofirraa haa qolannuu kan jedhan jiraata ganda Hoomaa Kulkulaati.
Oduma wal fakkaatuun torbee darbe godinuma Horroo Guduruu Wallaggaa warshaa sukkaaraa Fincaa’aa mooraa 1ffaa bakka jedhamutti Hagayyaa 3,2022 waraanni murna bilxiginnaa mana uummataa 6 gubuun dubartii ulfaa Caaltuu Ejjetaa jedhamtuu fi obbolleessa abba mana ishee Magarsaa Badhaasaa Mokonnon kan jedhamu mana itti cufuun mana keessatti gubuun ni beekama.

