Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Maafi’aa PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbaay Coommanitti qabeenya uummata nagaa saamuu fi gubuu itti fufee jiraachuun himame

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni faashistii Bilxiginnaa dinagdee Oromoo quucarsuuf jecha sababoota garaa garaa itti tarreessuun qabeenya uummata nagaa saamuu fi barbadeessaa jiraachuun beekamaadha.

Haaluma kanaan, loltoonni Bilxiginnaa kun Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbaay Coomman magaalaa Fincaa’aatti maqaa “haaromsa heyyama daldalaa” jedhuun nama tokko irraa qarshii kuma afurii fi dhibba torba (4700) saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni magaalichaa eeranii jiru.

Ganda Igguu fi Hoomaa Kulkulaa kan wal quunnamsiisu hidhaa laga Nashee irraa maqaa “Waraanaa Bilisummaa Oromoo ittiin daddabarsitu” jedhuun bidiruu uummataa kan uummanni waqtii gannaa akka itti walitti ce’u tolfatee itti fayyadamu irraa kutuun  wayita ammaa uummanni kun rakkoo guddaa keessa jiraachuu maddeen keenya  itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version