Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti Waraanni maafiyaan PP Dargaggoo lama rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen himan

ONM-ABO Hagayya 3, 2025 

Murni Bilxiginnaa waraana isaa shiftummaa leenjisee uummata nagaatti bobbaasuun guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo irratti gocha suukkanneessaa raawwachuun lubbuu namoota nagaa badii tokko malee galaafachaa jiraachuun ni beekama. Murni badiin kun afaan qawweetti dhimma bahuun aangoo barcuma siyaasaa isaa dheereffachuuf gara jabiinaan guutamee dhiiga qulqullootaa dhangalaasaa jiraachuun ifatti mul’ata.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel magaalaa Baabbootti Hagayya 1, 2025 waraanni maafiyaan PP dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Siddiiq Mahaammad fi 
  2. Mikaa’eel Tamasgeen 

jedhaman ganda Ambaalloo Diillaa irraa Uukkaamsuun Magaalaa Baabbootti ajjeesanii gatuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen badii qabaataniif osoo hin taane Oromummaan yakkuun reebicha ulfaataa erga irraan gahanii booda rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen itti dabaluun dubbatu.

Aanaa Baabboo Gambeel gandoota cufa keessatti ajjeechaa fi hidhaan uummata nagaa irratti kan duraan barameen olitti hammaachuun jiraattotni roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilamuun lubbuu isaaniifuu yaaddoo keessa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version