Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu keessatti waraanni faashistii PP nama nagaa tokko ajjeesuun dhagaa’ame

ONM-ABO Sadaasa 11, 2024 

Murni maqaa mootummaan aangoo irra jiru Bilxiginnaan uummata Oromoo ujummoo qawween duguugee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf irra deddeebiin uummata Oromoo balleessaa isaa malee hidhaa, ajjeesaa, saamaa fi qe’ee irraa buqqisuun goolumsa guddaa uumaa jiraachuun isaa beekamaadha.

Gareen ulaagaa mootummaa hin guunnee fi filannoo uummataa malee aangoo irra jiru PP’n hidhattoota isaanii uummata nagaatti bobbaasuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu ganda Baddeessaa Baaroo jedhamtu keessatti Sadaasa 9, 2024 abbaa ijoollee 3 nama maqaan isaa Obbo Yooseef Nagaasaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajeesanii bakkeetti gatuun beekamee jira.

Obbo Nagaasaan nama nagaa siyaasa kam keessaa gahee kan hin qabne ta’uu jiraattonni himuun kaayyoo sirnichaas namoota ija uummataa duratti jaallatamoo fi kabajamoo ta’an akkasuma uummanni waliin hiriiruu danda’u ajjeesuudha jechuun dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version