Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa-Sibuu keessatti waraanni Bilxiginnaa mana gubuuf saamicha uummata nagaa irratti raawwachuu hammeessan

ONM-ABO Fulbaana 5, 2024

Oromiyaa keessatti murni maqaa mootummaan aangoo irra jiru bilxiginnaan, teessoo aangoo isaa tikfachuuf jecha manneen uummata Oromoo fi lubbuu isaa hedduu guyyaa guyyaatti balleessaa oola.

Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Lataa-Sibuu ganda Amuumaa Alaltuu keessatti waraana isaa bobbaasuun Fulbaana 4, 2024 nama maqaan isaa Obbo Eliyaas Tashoomaa jedhamu jalaa sangoota lama ooffatanii deemuun mana isaa irratti saamicha raawwachuun, boodarra mana isaatti abidda itti  shiduun gubanii barbadeessanii deemuun gocha farrummaa uummata irratti raawwachaa turuu maddeen keenya gamasii ONM’f gabaasan.

Uummanni Oromoo qe’ee  isaa irratti gidiraa hedduu argaa kan jiruu fi qaama itti himatus dhabuun akka lammii lammaffaatti ilaalamee gochoonni uummaticha baraan gadadootti hambisu irratti raawwatamaa jira.

Exit mobile version