ONM-ABO Fulbaana 21, 2024
Afaaniin nagaa labsaa, nagaa hawaasaa kan booressu, murni nama nyaataa Bilxiginnaa golee Oromiyaa mara keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhu itti maxxansuudhaan, uummata qaala’iinsa jireenyaa biyyattii mudateenuu jireenya mataa isaa geggeeffachuuf rakkoo hamaa keessa jiru mirga namummaa isaa irraa mulquun yaaddoo keessa seensisee jira.
Fulbaana 19, 2024 waraanni goolessituu impaayera Itiyoophiyaa, godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Soomboo Sadan Giittan bakka addaa Gabaa Facaasee jedhamutti uummata nagaa mana jireenyaa isaanii keessaa mana barumsaa facaaseetti erga walitti qabaniin booda, jaarsaa fi jaartii akkasumas daa’immanii fi dargaggoota osoo hin jedhin reebicha hamaa irratti qaqqabsiisuudhaan, mucaa ganna kudha jahaa kan ta’e nama maqaan isaa Milkeessaa Garbii jedhamu ammoo waajjira poolisii Aannoo Lataa Sibuu jedhamutti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, waraanni sirnichaa uummata siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne, “isin caasaa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuudhaan gocha gara jabeenyaan guutame nurratti raawwatan jechuudhaan doorsisa irra dhaqqabeenis yaaddoo guddaa keessa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti dubbatanii jiru.

