Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa-Sibuu keessatti waraanni maafiyaa PP uummata nagaa irratti reebichaa fi hidhaa raawwatan

ONM-ABO Fulbaana 2, 2024

Umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha sababoota garaa garaa itti maxxansuun uummata nagaa hiraarsaa kan jiru waraanni sirna dhableessi Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu fi reebuu cimsee itti fufeera.

Haaluma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa-Sibuu keessatti waraanni maafiyaa PP uummata nagaa irratti reebichaa fi hidhaa raawwachuun uummatni dararamaa jira.

Hagayya 31, 2024 Waraanni sirnichaa ganda Walii Galtee jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii Lalisaa Gammachuu fi Yohaannis Arragaa jedhaman “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun badii tokko malee reebicha hammaataa irraan ga’uu isaanii maddeen keenya itti dhiyoo himanii jiru.

Aanichatti ergamtoonni sirnichaa ilmaan Oromoo adamsanii qabuun hidhanii qarshii hedduu gaafataa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version