ONM-ABO Hagayya 28, 2024 Umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha sababoota garaa garaa itti maxxansuun uummata nagaa hiraarsaa kan jiru waraanni seerdhabdeen bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu fi saamuu cimsee itti fufeera.
Haaluma kanaan, Hagayya 26,2024 waraanni goolessaan PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Ilmaayii Somboo keessatti nama maqaan isaa Obbo Habtee Abirahaam jedhamu jalaa dukkaana isaa guutummaan guutuutti saamuu maddeen keenya eeranii jiru.
Akka maddeen jedhanitti namni kun nama nagaa siyaasa keessaa qooda hin qabnee fi hojii daldalaa kanaan ofii fi maatii isaa jiraachisu ta’uu himuun, waraanni sirnichaa sabaaf dhaabbata osoo hin taane warreen saamichaaf bobbaafamaniidhas jedhaniiru.

