ONM-ABO Fulbaana 21, 2025
Murni Bilxiginnaa waraana isaa uummata nagaatti bobbasuun guyyaa guyyaan gochawwan suukkanneessaa raawwachuun qe’ee ilmaan Oromoo gooluun roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxiluu itti fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Gaanqaa Giitan jedhamu keessatti Fulbaana 19, 2025 waraanni PP mana nama maqaan isaa Obbo Malkaamuu Mokonnon jedhamuu cabsanii qabeenya saamuu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni himanitti waraanni PP kunneen badii tokko malee mana Obbo Malkaamuu cabsuun, qarshii 18,900, soolaarii 3, bilbila harkaa tokkoo fi meeshaalee mana keessaa fi uffata garaa garaa saamuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni Bilxiginnaa abdii kutachuun afaan qawweetti dhimma bahee uummata nagaa irratti dhiittaa mirga namoomaa hammeessuun jibbiinsaa fi gara jabina uummatichaaf qabu ifatti mul’isaa kan jiru ta’uun ni beekama.

