Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraatti waraannii faashistii PP uummata nagaa hidhuu itti fufan

ONM-ABO Guraandhala 4, 2025 

Murni badiin Bilxiginnaa afaan qawween aangoo barcuma siyaasa isaa dheereffachuuf humna waraanaa isaatti fayyadamee, golee Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo jumlaan ajjeesuu, hidhuu fi saamuu hojii idilee isaa godhachuun itti fufee jira.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa ganda Hoomii Suchiitti Guraandhala 3, 2025 waraanni maafiyaan PP dargaggoota nagaa hidhuun dararaa jiraachuutu beekame. 

Dargaggoonni hidhaman kunneenis:

1. Carraa Lammeessaa 

2. Lataa Karrasaa 

3. Hiikaa Bultii  fi

4. Masaraa Malkaamuu kan jedhaman yoo ta’an, waajjira poolisii aanichaatti hidhamuun gidirfamaa jiraachuun dhaga’ame.

Akka maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanitti, dargaggoonni hidhaman kunneen siyaasa kam irraayyuu bilisa kan ta’an yoo ta’u, hawaasa keessa jiraatan keessattis naamusaa fi fakkeenyummaa gaariin hojii idilee isaanii kan dalagatan ta’uu keessa beektonni eeraniiru 

Exit mobile version