ONM-ABO Guraandhala 28, 2025
Aanaa Gimbii ganda Malkaa Gaassii jedhamu irraa Gurraandhala 26, 2025 abbaa daa’ima tokkoo kan ta’e, nama maqaan isaa Garramuu Asaffaa jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun dhukkubsataa mana yaalaatti dubbisuuf osoo gara magaalaa deemaa jiruu loltoonni sirnichaa badii tokko malee daandii irraa qabuun hidhaatti kan darbatan yoo ta’u, wayita maatiin isaa nyaata geessaniif illee “maaliif fiddan” jechuun doorsisaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, godinuma kana aanaa Sayyoo Noolee ganda Duwwisoo jedhamu keessatti ammoo shakkamtoota jechuun Gurraandhala 26, 2025 ergamtoonni PP namoota hedduu hojii idilee isaaniitti bobba’anii jiran doorsisaa kan turan yoo ta’u, kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baanes hedduu qabanii deemuun hidhaatti darbatanii jiraachuun ibsameera.

