Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti loltoonni faashistii PP dargaggoota jumlaan hidhaatti guuruu hammeessan

ONM-ABO Gurraandhala 7, 2025 Aanaa Daarimuu ganda Haramii keessaa Gurraandhala 4, 2025 dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Iddoosaa Biraanuu,
  2. Maammad Dirribaa,
  3. Simee Cannaqaa,
  4. Gammachuu Iddoosaa, 
  5. Birhaanuu fi

kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee ergamtoonni sirnichaa “isin miseensa WBO’ti” jechuun gabaa keessaa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, guyyaadhuma kana yerooma wal fakkaataatti dargaggoota 12 kanneen dhalootaan godina  Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ta’an, gabaa daldalachuuf wayita gara godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Haramii deeman, “fuulli keessan haaraa dha; ni shakkamtu” jechuun isaaniinis jumlaan ukkaamsuun hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.

Kana malees, aanichuma ganda Meexxii Guddaa jedhamu irraa torban darbe keessa sababa “gaachana sirnaa leenji’uu didde” jedhuun dargaggoo maqaan isaa Misgaanuu jedhamus badii tokko malee hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version