Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Ganjii fi Mana-Sibuu keessatti jiraattota hidhaatti guuruun jabaatee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024 

Lola impaayerri bututtuu Itiyoophiyaa geggeessaa jirtuu fi lola biyyoonni oollaa kanneen akka Gibxii, Somaaliyaa fi Eeritiriiyaan eegaluuf ilkaan qarachaa jiranii fi dhaadannoo isaan wal ta’uun guyyaa guyyaan dhageessisaa oolan kan isa yaaddesse, sodaa guddaa teessoo siyaasaa isaaf qabuu fi humna waraanaa of harkaa qabu irraa amantaa dhabuun yeroo ammaa kana akkuma bara mootummaa Dargii sanatti golee Oromiyaa cufa keessaa hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo hin daangessin gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessee itti fufee jira.   

Onkoloolessa 22, 2024 waraanni bilxiginnaa aanaa Ganjii ganda Busaanoo Qaawwasoo jedhamu keessaa hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Obbo Milkeessaa Mulaatuu,
  2. Iddoosaa Ittafaa,
  3. Taammanee Firrisaa,
  4. Balaayi Ejjetaa fi
  5. Amsaaluu Dureessaa jedhaman badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii qabuun gara mooraa leenjii waraana bilxiginnaatti geessanii jiraachuu jiraattonni  ONM dubbise himanii jiru.

Bifuma wal fakkaatuun aanaa Mana-Sibuu Magaalaa Beenguwaa jedhamu irraa Onkoloolessa 21, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Mulunee Waaqjiraa,
  2. Madinee Eebbaa,
  3. Abdullaahii Danuu,
  4. Tasfaa,
  5. Beekumaa,
  6. Asfawuu fi kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa ukkaamsanii hidhaatti darbachuun garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akkuma aanichaatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni hedduun yaaddoo hamaa keessa jiraachuun barameera.

Exit mobile version