ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2024
Godinaalee Oromiyaa cufa keessatti guyyaa guyyaan maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhu sababa godhachuun kan bobba’an waraanni faashistii PP, duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa jiran cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti ajjeechaa fi hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu akkaan jabaatee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Aanaa Saasiggaa ganda Bareedduu Baloo jedhamu keessaa Onkoloolessa 20, 2024 ergamtoonni abbaa irree dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu araada godhatan qonnaan bultoota 2 kanneen maqaan isaanii:
- Toofiqoo Ahimed abbaa daa’ima 6 akkasumas,
- Naasir Abiraahim abbaa daa’ima 4 kan ta’an qe’ee isaaniitti badii tokko malee haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun bultii fi daa’ima isaanii irraa ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu hidhaan walqabatuun ammoo aanichuma ganda Odaa jedhamu irraa Onkoloolessa 19, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Tamasgeen Caalii,
- Taaddasaa Baay’isaa fi
- Fayisaa Taaddasaa kanneen jedhaman badii tokko malee “Qawwee qabdu” jechuun loltoonni sirnichaa guyyaa kana halkan gara mana jireenya isaanii deemuun qabanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu jiraattonni gandicha irraa dubbisne himanii jiru.
Namoonni ajjeefamanii fi hidhaman kunneen, siyaasa kam irraa bilisa kan ta’anii fi qonnaan bultoota hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun jiraatan yoo ta’n, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun badii tokko malee yakkoota kanneen irratti raawwachuun ibsameera.

