Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti ajjeechaa fi hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024

Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon yakka hamaa guyyaa irraa guyyaatti raawwachaa kan oolan loltoonni sirna bilxiginnaa, gocha badii isaanii kanaan qe’ee hawaasaa goolaa oolu.

Onkoloolessa 7, 2024 godina Baha Wallaggaa aaanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Bareedaa jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Daani’eel Isihaaq Gaarradoo jedhamu loltoonni sirnichaa badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu jiraattonni magaalaa Bareedaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo, guyyuma kana ganda Madda Jaalalaa bakka addaa Lijee jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Diidhaa Damisee fi
  2. Qacoo Yoonee kan jedhamu daa’ima waggaa 4 kan ta’e badii tokko malee aanichatti hidhamanii dararamaa jiraachuun ibsameera.
Exit mobile version