Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024 

Loltoonni sirnichaa yeroo fedhan humnaan dirqamsiisanii gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa, yoo fedhan ammoo maqaa garaa garaa itti maxxansuun ilmaan Oromoo ukkaamsanii hidhaatti darbachuun achi buutee dhabamsiisuu akkuma itti fufanitti jiru.

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessaa hawaasa jumlaan ukkaamsanii hidhaatti guuruun akkuma itti fufetti kan jiru yoo ta’u, aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa keessaa Onkoloolessa 24, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Takilee Quuyyee,
  2. Efireem Xilaahuun,
  3. Wubituu Deesisaa,
  4. Taarikuu Mokonnon,
  5. Addunyaa Bushaa fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen kun jedhanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu fi aanicha keessatti ilmaan Oromoo sababa tokko malee adamsanii jumlaan ukkaamsuun sobaan yakkanii garmalee dararaa jiraachuu himu.

Godinichuma aanaa Sibuu Siree ganda Hagaloo Tuulamaa jedhamu keessaa Onkoloolessa 25, 2024 loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Dhibbaa Likkaasaa jedhamu sababa tokko malee maqaa “hidhata WBO qabda” jedhuun yakkanii Loon 25 erga jalaa saamanii booda, Obbo Dhibbaa dabalatee nama kan biroo Obbo Bayyanaa Maammoo  jedhamu ammoo qabanii mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees, godinuma kana aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Haroo iddoo addaa Daamuu fi Dachaa Guyyoo jedhaman keessaa ergamtoonni sirnichaa Onkoloolessa 27, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Girmaa Badhaasaa,
  2. Fayisaa Booranaa,
  3. Bushaa Tolasaa,
  4. Tasfaa Booranaa,
  5. Tasfaa Lammii, 
  6. Dhugumaa Caalii,
  7. Dhaabaa Bookaa,
  8. Fayisaa Tamee fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun barameera.

Oduu saamichaan ammoo, ganduma kana irraa “WBO’f nyaata kennitan” jechuun nama maqaan isaa Obbo Gurmeessaa Fiqaaduu jedhamu jalaa qotiyyoo 2 kanneen tilmaamaan qarshii kuma shantama shantama baasan ooffatanii kan deemanii fi dabalataan nama maqaan isaa Lammaa Asfawuu jedhamu jalaa ammoo horii 4 fudhatanii jiraachuun ibsameera.

Akkasumas, badii tokko malee namoota hedduu ta’an ammoo reebicha hamaa irraan gahuun qodaa mana keessaas jalaa caccabsanii jiru. Namoota miidhaan kun irra  ga’e keessaa muraasni:

  1. Jaftaraa Jiraataa,
  2. Bakaree Jiraataa,
  3. Guddataa Qajeelaa fi kanneen biroo hedduu ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Exit mobile version