Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee irraa dargaggoota ukkaamsuun hidhaatti darbachuun cimee itti fufee jira

ONM-ABO Fulbaana 13, 2024

Loltoonni Bilxiginnaa yeroo fedhan humnaan dirqamsiisanii gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa yoo fedhan immoo maqaa adda addaa itti maxxansuun dargaggoota Oromoo ukkaamsanii hidhaatti darbachuun achi buutee dhabamsiisuu akkuma itti fufanitti jiru.

Bu’uuruma kanaan, godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessaa dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaaf qeerrowwan hedduun jireenya bir’annaa jiraachaa jiraachuun  barameera.

Loltoonni faashistii PP kun Fulbaana 11, 2024 dargaggoota maqaan isaanii Asfawuu Tolaa fi Boorgoo Tolaa jedhaman obboleeyyan kan ta’an badii tokko malee ukkaamsanii waajjira poolisii magaalaa Naqamtee ganda 05’tti argamutti hidhanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, dargaggoonni kun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu fi magaalicha keessatti ilmaan Oromoo sababa tokko malee adamsanii ukkaamsuun sobaan yakkanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version