Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee irraa dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti darbachuun cimee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 23, 2024

Loltoonni Bilxiginnaa yeroo fedhan humnaan dirqamsiisanii gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa yoo fedhan immoo maqaa adda addaa itti maxxansuun dargaggoota Oromoo ukkaamsanii hidhaatti darbachuun achi buutee dhabamsiisuu akkuma itti fufanitti jiru.

Bu’uuruma kanaan, godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessaa dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti guuruun itti fufee jira.

Loltoonni Bilxiginnaa kun torban darbe keessa dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Chombee Araarsoo,
  2. Sanyii Dabalaa fi kan ammaaf maqaan isaa adda hin baane tokko magaalaa Naqamtee ganda 07 irraa  badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii magaalaa Naqamtee aanaa 2’ffaa ganda 07’tti hidhanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, dargaggoonni kun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu fi magaalicha keessatti ilmaan Oromoo sababa tokko malee adamsanii ukkaamsuun sobaan yakkanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version