ONM-ABO Muddee 22, 2024
Loltoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkanii ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa kan jiran yoo ta’u, addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan qabanii mana hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Magaalaa Naqamtee keessatti loltoonni faashistii Bilxiginnaa namoota nagaa siyaasa kam irraa bilisa ta’an “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufuun torban darbe keessa ganda 04 keessaa nama maqaan isaa Leencoo Fiqaaduu jedhamu ukkaamsuun ganda gaarii irraa immoo nama maqaan isaa Mahaammad Abdallaa jedhamu loltoonni faashistii Abiy Ahimed badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun waajjira poolisii magaalaa Naqamtee ganda 05 keessatti argamutti garmalee dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’anis maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun loltoonni sirnichaa yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu fi magaalaa Naqamtee akkasumas aanaa Guutoo Giddaa keessatti dargaggoota ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu haala duraan barameen olitti kan cimsanii jiran ta’uu dubbatu.

