ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024
Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkee ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaa impaayerattii golee Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu keessaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuu fi ilmaan ykn obboleessa keessantu bosona jira” jedhuun namoota maqaan isaanii:
- Warqinee Dimbaasaa,
- Burtukaan Waaqtolee,
- Baaccuu Bujulaa,
- Xilaayee Sambataa,
- Tolaa Maariqos,
- Taammiruu Bulchaa,
- Hindhibuu Kabbadaa,
- Caalaa Ittaanaa,
- Zarihuun Iddoosaa,
- Abdii Birraatuu,
- Dirribaa Nagarii,
- Gammachuu Olii fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun namoota gariin Onkoloolessa 21, 2024 yoo hidhan kaan immoo Onkoloolessa 22, 2024 kan hidhan ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni hedduun dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuramaa akka jiranii fi gariin ammoo qe’ee isaanii gadi dhiisanii baqachaa akka jiran barameera.
Loltoonni PP yeroo adda addaatti maqaa wal balleessuu fi rakkoo keessoo isaaniitti dhalatuun walii isaaniitti garagaluun wal hidhaa, wal ajjeesaa, wal reebaa fi dararaa hamaa wal irratti raawwachaa jiru.
Loltoonni faashistii Bilxiginnaa walii isaaniin wal shakkuun rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi sababoota garaa garaa wal irratti wabeefachuun magaalaa Naqamtee keessaa hanga Koloneela isaanii ajjeesuutti kan ga’an yoo ta’u, yeroo ammaa kanas Onkoloolessa 18, 2024 loltoonni bilxiginnaa wal yakkuun hidhaatti wal darbatanii walii isaaniitii wal dararaa jiraachuu keessa beektonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Yeroo darbe magaaluma kana keessaa loltoonni sirnichaa hedduun walii isaaniitii wal dararaa kan jiranii fi akkuma guutuu impaayerattiitti wal gaarreffannaan dachaan dabalaa dhufuun baramee jira.

