Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti Humni shororkeessaa Amaaraa Faannoon ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti raawwatu itti fufe.
ONM – ABO – Sadaasa 16, 2022 Humni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhamuun beekamu kan bulchiinsa abbaa irree bilxiginnaan qindaa’aan godina baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaa ganda Kinaafii jedhamu keesaatti ilmaan Oromoo sagal qabuun sadii battalumatti yoo ajjeesan ja’a ammoo bakka isaan buusan hin beekamin jira. Humnoonni kun dheengadda Sadaasa 14, 2022 barii barraaqaan sochii isaanii bakka uummanni humnoota kanaan buqqa’e ganda Kinaafii jedhamutti taasisuun uummata qe’ee isaanii durii irraa waan nyaatan fudhachuuf deemaa turan irratti dhukaasaa banuun lubbuu namoota sadii galafatan. Namoonni haala kanaan lubbuun isaanii darbe maqaan isaanii Aliyyii Muusaa, Abdallaa Aliyyii fi maaruu Durii kanneen jedhaman yoo ta’an warreen ja’aan afaan ammoo maqaa isaanii nu hin ga’in jira. Namoota ajjeefaman keessaa obbo Aliyyii Muusaa ilma isaanii Abdallaa waliin maatii tokko keessaa kan ajjeefaman ta’uu maddeen keenya Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

